#WARQEE_MOO_SANTIMAA?
Ati geggeessa keenya gorsa dinagdee yoo taatellee,
mucaankee garuu warqeef meeti(Birri) keessa kam akka caalu adda baasee hin beeku jedhani namoonni baayyee itti kolfan, abbaan mucaa baayyee aaree manatti galee, halkan mucaasatti saantima warqeef meeti itti agarsiisee kamtu caala jedheen.
Mucaanis deebisee "warqeedhaka" jedheen. Abbaan amma xinno tasgabaa'ee, maafiree namoonnii mucaanke adda baasu hin danda'u kan naan jedhaniif jedheen. Mucaan seeqa akkas
jedhee deebiseef "ilaa abbaako yeroo hunda ganama ganama
gara mana barumsa yeroon deemuu hiriyoonni kee karaarratti na eegani saantima warqee fi meeti natti agarsiisani isa guddaa filadhuutii fudhu naan jedhuu animmo santima meetiin fudhee deema isa booda isaanimmo baayyee natti kolfu" jedhe.
Abbaatti bita galee maaf warqee hin fuune? maaf nama na arrabsiifta? jedhee mucaatti wace. Mucaanis "afachu abba
kottu sittin agarsiisa" jedhee kutaa ciisichaasatti geessee
sireesa jala saanduqa xinno tokko fuudhee gaafanni banu
santimmi baayyeen keessa guute jira. Agartee utuun warqee fuudhee taphichi hin dhaabataa. isaan natti kolfuuf yeroo hunda filiiti fudhu naan jedhuu, animmo isa xinnaan fuudha,
yeroos galiiko guyya guyyaanin argadha jedhe. abban yaada
mucaasaati baayyee dinqisiifate!.
Kaayyoof karoora ke bira hamma geessutti namoonni akka
gowwaatti si ilaalu danda'u, sitti kolfuus danda'u. Kan sirraa
eegamu qaxalee akka taate agarsiisu miti. kaayyoof karoorake
dura galchitii... bor eenyu akka taate itti agarsiifta!
# share gochuu hin dagatina
Join 🧚🙏🎄♻️👇🌲👇👇
@Jechootahayyoota