Gadi qabaan namaa
Waan ati hin beekne si barsiisa
Malee sin kuffisu homaa
Nama Rabbiin ol fuudhe
Gadi hin deebisu namni
Dhiibbaaf Shirri baay'atus
Booda hin deebi'u gamni
Kaayyoof jecha imala
Fuulduratti abdii guddaan
Rakkoo argame hundaaf
Hin jiraatu gaddaan...
Imala isaa keessatti
Rabbiin godhatee hirkoo
Bakka yaade dhaqqabuuf
Galma ga'uuf gaaf-tokkoo
Obsaan bira qaxxaamura
Har'a riqichoota rakkoo...!
Na quunamuu barbaannan
@dameG7
✍️. Damee Gaashahun









