foon kootiin mo'amuu
Hoolota keessaa ba'ee
Re'ootatti fo'amuu
Sodaa kee dagadhee
akkan fedhetti kaachuu
raqa biyya lafaas
deddeebi'ee nyaachuu
Gowwummaan guutamee
akkan of hin wallaalle
Faashiniinis bitamee
akkan of hin awwaalle
Seexanaaf Farda ta'ee
Dirree keessa gulufuu
Dhaloota dogoggorsiisee
Akka itti hin taane gufuu
Waanta aduu gadii
kan argamtee badduu
argachuudhaaf fiigee
na oolchi dhuma gadduu
Anatti fafakkaatee
hundumti isaa gaarii
Akkan karaat hin hafne
abbaa na gargaarii🙏
Ofitti na madaqsuuf
guyyaadhaan natti seeqa
Kan jilbeeffachiises
dachaa nama meeqa?
Biyyi lafaas yoo na bite
warqee natti agarsiise
Garaa koo hireefiis
mana kee yoon gadhiise
Ayyaanni kee yericha
ana irraa ni ka'a
Sareetu na nyaata
Soora Allaattiin ta'a
Kanaaf cimsii na qabi
akkan cabne dhukatti
jabaadheen dhaabbadha
anis hanga dhumaatti
Akkan tuffadhuttis
waanta aduu gadii
si keessa jiraadhees
akkan oolu badii
bara koo akkan fixne
karaa gubbaa jooraa
Humna na hidhachiisi
na nyaachisi sooraa
Warri ayyaana kee qaban
gaariif hamaa adda baasu
waanti argamee badu
garaa isaanii hin raasu
Warra humna hin qabne
kolfee gara isaa dhufee
of qabuu dadhabuun
dargaggoota hedduut kufee
Kanaafan sodaadheem
abbaa koo kana ilaalee
calaqqeen biyya lafaa
nama baay'ee awwaalee
Ulfina kee baadhee
akkan siif jiraadhu
soora natti kennites
akkan dhalootaaf laadhu
Humna koo naaf haaressi
Akkuma kan joobiraa
Ergamummaa koo bahee
akkan dhufu si biraa
Fageessees akkan yaadu
akkan hin nyaanne raqa
gad of deebisee jiraadheen
Yerusaalem dhaqa
karaan hundumti isaayyuu
qajeelaa namatti fakkaatti
Ayyaana keen na cimsi
Yeroo dargaggummaatti!🙏.....
N quunamuu barbaannan
@dameG7
✍️. Damee Gaashahun








